Website isin hojjattan kan akkamiiti?
Akkaatuma dreamlaal.com irratti ibsamee jiruun website gosa baay'ee hojjachuu dandeenya. kanaan alaas akkaataa ajaja keetiin hojjachuu dandeenya.
Blog Website maali?
Blog Website jechuun marsaariitii qabiiyyeen adda addaa dubbistootaf irratti fe'amuudha. Fkn, Barumsa, Seenaa, Waa'ee fayyaa, Oduu...fi kkf irratti kan fe'amuudha.
Faayidaan 'blog website' maali?
Dursa hojiin ati hojjattu dirree tokko irratti walitti siif qabama. Dubbistoota kee gammachiisa. Guddina afaan keetifiis gahee guddaa taphata. irra caalatti immoo kaayyoo ati barreffama barreessituuf santu dubbata.
Application akkamii hojjattu?
Tajaajila laannu hundaaf Application dhuunfaa isaa waliin dhiheessina. kanaan alaas akkaataa ajaja keetiin hojjachuu dandeenya.
Application hojjattan Play Store irratti ni baaftuu?
Eeyyeni, Yoo fedha kee tahe Apple Store irrattiis ni baafna.
Kan maallaqni waggaa waggaan itti kafalamu maali?
HOSTING fi DOMAIN dha. Hosting jechuun bakka qabiiyyeen (content) website keetii taa'udha. Domain immoo maqaa kee kan namoonni ittiin si argatuuf gargaaramaniidha. Isaan ni kireeffamuu waggaa waggaanis itti kafalamu. Garuu gatiin rakisa.
Tajaajila keessan maaltu adda taasisa?
Hedduudha. Muraasa haa ilaalluu:
- Website akka idil-addunyaatti sadarkaa isaa eeggate hojjanna.
- karaa CMS yoo hordofne Paid theme fi Paid plugin gargaaramna.
- karaa PHP fi Java yoo hordofne koodii duwwaa irraa barreessina 'source code' guutuu ta'ee waliin siif dhiheessina.
- Application kee gara Store publish ni goona.
- Baatii 6'f si hordofnaa rakkoon yoo jiraate bilisaan deeggarsa suphaa siif laanna.
- Baasiin Host fi Domain kan waggaa jalqabaa nuhirra.
- HOST irratti 'unlimited bandwidth, unlimited business email, unlimited data storage, Free SSL' fi kkf.. hedduu banaa siif goona.